Tamsaasa Kallatti:

Biyyoonni Afriikaa sirna Faayinaansii balaa itti dandamatan diriirfachuu qabu- Bulchaa Baankii biyyoolessaa Doktar Iyoob Takkaallanyi

Guraandhala 3/2018(ENA)- Biyyoonni Afriikaa sirna faayinaansii balaa itti dandamatanii fi saaxilamummaa kan itti hir’isan dhiheessii faayinaansii fulla’aa akka uummatan Bulchaan Baankii biyyoolessaa Itiyoophiyaa Doktar Iyoob Takkaallanyi waamicha dhiheessan.

Konfiraansii Idil Addunyaa Biyyoota Dinagdeen guddinarra jiran ilaalchisuun Sa’udii Arabiyaa Magaalaa Aluulaatti gaggeeffameera.

Bulchitoonni baankii gidduugaleessaa biyyoota Addunyaa adda addaarraa walitti dhufan mata duree “Sirna Deeggarsa Faayinaansii Addunyaa cimsuun, biyyoonni balaa haala itti dandamatan, gargaaruuf sirna faayinaansii si’ataa fi Amanamaa dhiheessuu” jedhuun waltajji guddaa qophaa’eraati hirmaataniiru.


 

Walgahii kanarratti Daarektarri olaanaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyovaa, Daarektarri Bulchiinsa Baankii Addunyaa Aanaa Bird akkasumas Bulchitoonni Baankii gidduugaleessaa biyyoota Itiyoophiyaa, Sa’ud Arabiyaa, Armeeniyaa, Gibtsii, Paakistaanii fi Kuwaatariin dabalatee biyyoota adda addaa hirmaataniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa doktar Iyoob Takkaalanyi dhaqqabamummaa dhiheessii faayinaansii Biyyoonni Afriikaa karaa Seeftineetii Addunyaan (GFSN) argatan daangaa’aa ta’uu eeruun, Biyyoonni kuufama mataasaanii fi deeggarsa IMF qofarratti akka hirkatan taasisuu hubachiisaniiru.

Doktar Iyoob Takkaallanyi deeggarsi Alaa hir’achaa dhufuusaa ibsuun biyyoonni Afriikaa

Caaseffama Riijinii Mataasaanii uumuunii fi sirna faayinaansii Addunyaa waliin walqabsiisuun saaxilamummaa waliin hir’isuu fi waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.


 

Gama biroon Bulchaan Baankichaa gahee sirna deeggarsa IMF halaa qabatamaa Addunyaa gidduugaleefachuun fooya’e ibsaniiru.

IMF Cimina Diinagdee Itiyoophiyaan qabduu fi riifoormii caaseffamaa hojjetamaa jiran tilmaama keessa galchuun gaheen faayinaansii akka dabaluuf waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon ministeerri Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015