Tamsaasa Kallatti:

Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf  dandeessiseera

Guraandhala  3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii.

Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.

Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira.

Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera.

Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani.

Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru.

Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera.

Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel.

Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan.

Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru.

Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru.

Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen.

Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015