Tamsaasa Kallatti:

Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa ji’oota jahan jalqabaa keessatti galii Doolaara biiliyoona 4.4 argateera

Guraandhala  3/2018 (ENA)- Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 ji’oota jahan jalqabaa keessatti galii doolaara biiliyoona 4.4 argachuu beeksiseera.

Hojii gaggeessaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo raawwii hojii ji’oota jahan jalqabaa bara baajataa 2018 ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalii isaa babal’isuun bakkeewwan idil-addunyaa sadii Poorchugaal Poortootti, Veetinaam Haanooyittii fi Gamtaa Imireetota Arabaa Abudaabii magaalota sadiitti banuu isaa beeksiseera.


 

Haaluma kanaan, bakkeewwan idil-addunyaa haaraa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bane, balaliisaa gara 145 ol akka guddatan taaisuus beeksisaniiru.

Balaliiwwan biyya keessaani immoo Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo xumuramuu fi tajaajilaaf qophii ta’uun isaa lakkoofsi bakkeewwan balalii biyya keessaa gara 23tti ol guddachuu danda’eera jedhan.

Walakkaa bara baajataa kanatti xiyyaarota dabalataa torba biyya alaatii galchuun xiyyaaronni daandiin xiyyaaraa Itiyoophiaa qabu gara 147tti ol akka guddatu ta’eera jedhani.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ji’oota jaha keessatti imaltoota miiliyoona 10.64 geejibuun dandeettii galii isaa fooyyessuun milkaa’uusaa ibsaniiru.

Bara baajataa 2018 ji’oota jahan darban keessatti galii doolaara biiliyoona 4.4 argachuun isaa lakkoofsa karoorfame irraa dhibbeentaa lama dabaluu beeksisaniiru.

Raawwiin hojii ji'oota ja'a jalqabaa bara baajataa yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 14’n caaluu eeraniiru.

Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu kan ji'a tokko dura dhagaan bu'uuraa itti kaa'ame ifatti eegalamuu isaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015