Tamsaasa Kallatti:

Sirna Mana Murtii Aadaa Affaar (Affaar Madi’aa) UNESCOtti galmeessisuuf sagantaan marii magaalaa Samaraatti gaggeefamaa jira

Guraandhala 3/2018 (ENA)- Sirna Mana Murtii Aadaa Affaar (Affaar Madi’aa) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)tti galmeessisuuf sagantaan marii magaalaa Samaraatti gaggeefamaa jira.

Sagantaa kanarratti Jilli Hogganaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa fi Deetaa Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Nafiisaa Al-Mahaadii, akkasumas hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo; hoggantoota gosoota naannoo; abbootii amantaa fi hoggantoonni olaanoo irratti argamaniiru.


 

Affaar Madi’aan sirna abbaa seerummaa aadaa Affaar keessatti abbootiin murtii hoggantoota gosaatiin muudamanii dhugaa barbaaduun baasuun kan dhugaan argamu sirna haqa baasuu uummataati.

Affaar Madi’aan sirna haqaa aadaa uummanni Affaar durii kaasee hojiirra oolchaa kan ture yoo ta’u, mana murtii naannootiin beekamtii argatee hojiiwwan bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuus ibsameera.


 

Waltajjii kana irrattis waraqaaleen qorannoo hambaan kuni naannicharra darbee akka hambaa addunyaatti galma’uu dandeessisan dhiyaachuun mariin irratti akka gaggeeffamus ibsameera.

Sagantaan kun guyyoota sadii walitti aansuun akka turus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015