Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee galaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee galaa jiru
Guraandhala 3/2018 (ENA)-Ministiroonni Dhimma Alaa Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinee galaa jiru.
Haaluma kanaan, har'a ganama Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii fi Ministirri Dhimma Alaa Mooriitaaniyaa Mohaammad Saaleem Marzuug Finfinnee galaniiru.
Dabalataanis Ministirri Dhimma Alaa Seeraaliyoon Timootii Muusaa Kaabaa fi Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Arabaa Sahaaraa Mohaammad Yesalaam Beeysat Finfinnee galaniiru.
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan ministiroonni kunneen qondaaltota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaatiin simatamaniiru.
Walga’iin idilee Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatu ni raggaasisa jedhamee eegama.