Iiziin duula addaa aggaammiiwwan taassifaman ittisuun Iizii haala jijjiirudha - ENA Afaan Oromoo
Iiziin duula addaa aggaammiiwwan taassifaman ittisuun Iizii haala jijjiirudha
Guraandhala 2/2018(ENA) - Iiziin duula addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofuun dhabamsiisuunii fi shirasaanii dursee fashaleessuun aggaammiiwwan keessaas ta’e alaa taassiffaman ittisuurratti Iizii haala jijjiiru ta’uu Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hubachiisan.
Ajajaan Iizii duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hundeeffama waggaa 65ffaa Iizichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, ayyaanni hundeeffamaa qophiiwwan adda addaan Guraandala 7 hanga 15 bara 2018 magaalaa Hawaasatti qophiiwwan adda addaan akka kabajamu beeksisaniiru.
Yeroo kabajichaa Iizichi waggoottan kurnan jahan darban injifannoowwan galmeessise ni yaadatamuun ni kabajamu jedhaniiru.
Iizichi nageenya biyyaa kabachiisuurratti gootummaa fi cimina qabu qabatee kan itti fufe, dhaloonni ammaas qabsoo kana dhaloota itti aanu akka dhaalchisanii fi ciminoota qaban cimsanii akka ittifufsiisan dandeessisa jedhaniiru.
Komaandoo, humna qilleensaa fi humna addaa farra shororkessitootaa qormaata adda addaa kan darbanii fi cimaa kan dhufan waan ta’aniin olitti, humna diinaa kan cabsanii fi ggootummaan biyya kan boonsan raawwachuu isaaniis eeraniiru.
Iiziin duultota addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofee barbadeessuu fi shira isaanii dursanii fashaleessuun haleellaa keessaa fi alaa ittisuu irratti gahee olaanaa bahataniiru jedhani.
Kanaaf, waggaa 65ffaan hundeeffama ajaja kanaa Guraandhala 7 fiigicha daandii kiiloo meetira 10 Hawaasaatti gaggeeffamuun akka eegalu akeekaniiru.
Eebba kitaabaa fi asxaa, agarsiisa suuraa fi mariin paanaalii, akkasumas taateewwan biroo Guraandhala13 irraa eegalee akka kabajamu akeekaniiru.
Qeerramsoonni didiimoo kunniin kanneen hin jilbeffanne,qilleensaarraan, lafaa fi bishaan irratti agarsiifni dheyeessan ayyaanicha kanneen miidhagsan keessatti ramadamu.
Kabajni ayyaanichaa Guraandhala 15/2018 Istaadiyeemii Hawaasaatti taateewwan addaa fi sirna guddaa waliin kan gaggeeffamu ta’uu odeeffannoon Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisaa ENA’f erge ni mul’isa.