Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan ni hojjeta - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan ni hojjeta - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Guraandhala 2/2018 (ENA)- Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan akka hojjetu Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsani.
Itti aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, hoggantoota haaraa filataman Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin har’a mari’ataniiru.
Yaa’ii waliigalaa idilee mana marichaa 5ffaa, kan abbootiin amantaa, geggeessitoonni waldaa fi keessummoonni affeeraman irratti hirmaatan milkaa’inaan gaggeeffamuu isaatiif hoggantoota mana marichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qaban ibsaniiru.
Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan kan hojjetuu fi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uus ibsaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee ergaa isaanii keessatti hoggantoota mana marichaaf yeroo tajaajila gaarii hawwaniiru.