Hojiiwwan misoomaa hedduun Magaalittiitti hojjetamaa jiran fayyadamummaa jiraattotaa sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misoomaa hedduun Magaalittiitti hojjetamaa jiran fayyadamummaa jiraattotaa sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiru
Guraandhala 2/2018(ENA)-Hojiiwwan misoomaa hedduun magaalittiitti hojjetamaa jiran Fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee sadarkaa olaanaan mirkaneessaa jiraachuu Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee ibsan.
Misoomni koriidaraa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan magaalittii gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jiraachuu ENA’f ibsaniiru.
Miseensi Mana maree Magaalaa Finfinnee Masfin Mangistuu akka jedhanitti, Finfinneen misooma Manaa fi lafaan, galii walitti qabuun, akkasumas, damee fayyaa fi barnootaan bu’aawwan dinqisiisaa galmeessisaa jirti jedhaniiru.
Keessumaa misooma koriidaraa, misooma qarqara laagaa fi bakkeewwan magariisaa babal’achuun miidhagina magaalittii jijiiruurra darbuun jireenya lammiilee fooyyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Miseensi mana maree Aadde Amanee Amaan gamasaaniin ummannii fi mootummaan, qindaa’anii hojjechuun, magaalittiitti milkaa’inoonni pirojektoota Bishaanii, daandii, Fayyaa fi Barnootaan argaman bu’uura ta’uu dubbataniiru.
Misooma ijaaraman eeguu fi kunuunsuun hojii jiraattota hundaa ta’uu akka qabuus hubachiisaniiru.
Miseensa mana maree biroon doktar Gizaachoo Ayikaa daandiiwwan magaalittiitti hojjetamaa jiran Dhabamsiisa Dhangala’aa, Sararawwan ibsaa fi bishaanii, daandii lafoo fi biskileetaa kan qabanii fi qulqullinnisanii kan eegamanidha jedhaniiru.
Bakka taphaa daa’immanii daandii cinaa fi bakkeewwan bashannanaa ijaaramuunsaanii Magaalaa Finfinnee hawaasa hundaaf mijattuu akka taatu dandeessiseera jedhaniiru.
Magaalittiin baajata kaappitaalaashee hojiiwwan namarratti xiyyeeffataniif oolchuushee, harka qal’eeyyii fi lammiilee galii gad- anaan bulan fayyadamoo taassiaa jiraachuu kan ibsan immoo miseensa mana maree kan ta’an Abiyyi Yilmaati .
Bu’aan hooggansaa fi mul’ata ifaa mootummaatiin, hirmaannaa dureeyyii fi ummataa cimaadhaan argame Finfinneen gara magaalaa ammayyaatti cehaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru.