Tamsaasa Kallatti:

Jaalatamtoota Itiyoophiyaanotaa

Tibbana biyyi keenya Afrikaanota obbolaawwan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan simachuuf harka ishee bal’istee ni simatti.

Michuuwwan keenya kunneen halluuwwan alaabaa keenyaa kan qooddatan, Itiyoophiyaa akka gonfoo bilisummaatti kan ilaalan, darbees biyyi keenya dhagaa bu’uuraa mul’ata siyaasaa Ardichaa akka taatetti fudhachuun kan kabajanidha.

Itiyoophiyaan keessummaa simachuun maaliif kabajamuu akka dandeesse simannaa keenyaan itti ni agarsiifna.

Akka mana isaaniitti akka itti dhagahamu haa goonu. Kabajaan haa simannuu. Jaalalaan haa tursiisnu. Ida’amnee alaabaa keenya kan bakka bu’u miira tokkummaa Afrikaa fi mul’ata waloo walitti nu hidhu haa taasifnu.

Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015