Tamsaasa Kallatti:

Haaromsi diinagdee Gooroo, diinagdeen Itiyoophiyaa deebi’ee akka bayyanatu gargaareera

Guraandhala 2/2018 (ENA) - Haaromsi diinagdee Gooroo, diinagdeen Itiyoophiyaa deebi’ee akka bayyanatuuf gahee olaanaa bahachuu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalliny ibsan.

Konfiraansiin idil-addunyaa diinagdee biyyoota guddachaa jiranii irratti kan xiyyeeffate Sa’uudii Arabiyaa magaalaa Alulaatti gaggeeffamaa jira.

Konfiransiin kuni kan qophaa’e wal-ta’insa Ministeera Maallaqaa Sa’uudii fi Fandii Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF)’n dha.

Konfiraansii kanarratti Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalliny guddina itti fufiinsa qabuuf haaromsi diinagdee Gooroo bu’aa olaanaa fidaa jiraachuu muuxannoo Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo galmeessite akka fakkeenyaatti eeruun yaada dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaan weerara COVID-19 dura ture caalaa saffisaan guddachaa akka jirtuu fi akka lakkoofsa faranjootaa bara 2025/26tti dijiitii dachaan guddachuu akka qabdus hubachiisaniiru.

Konfiraansii kana irratti ministeerota faayinaansii, bulchitoota baankii giddugaleessaa fi hoggantoota addunyaa damee mootummaa fi dhuunfaa argamaniiru.

Hirmaattonni biyyoota konfiraansichaa guddina diinagdee biyyoota guddachaa jiran itti fufiinsa qabu, haala gabaa fi walitti dhufeenya idil-addunyaa irratti mari’achaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015