Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahachuaa jirru cimsinee itti fufna - Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii

Guraandhala 2/2018 (ENA) - Mariin biyyoolessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahacha jirru cimsinee itti fufna jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii.

Manni Marichaa adeemsi marii kanaa akka milkaa’uuf Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibseera.

Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa labsii lakk. 1265/2014 kan hundaa’e yoo ta’u, dhimmoota ijoo ta’anii akka gaaffiitti ka’anii waldhabdeef sababa ta’an irratti mari’achuun seenessa waloo uumuudha.

Komishiniin Marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojii ajandaa hirmaachisaa ta’e walitti qabuu fi namoota konfiraansii guddicha irratti hirmaatan adda baasuun naannolee kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti milkaa’inaan raawwateera.

Pirezidaantiin Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii Ahimad Huseen ENA waliin turtii taasisaniin, Manni Marichaa marii biyyaalessaa keessatti dhaabbileen hawaasa siivikii sochoosuun gahee olaanaa akka qabaataniif hojjechaa turuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi hojii hubannoo uumuu, ajandaa walitti qabuu, hirmaattoota adda baasuu fi kanneen biroo irratti Komishinicha waliin qindoominaan hojjechaa akka jira ibsaniiru.

Manni Marichaa Komishinicha waliin waliigaltee mallatteessuu eeruun, kana irratti hundaa’uun hojiiwwan hedduun waliin ta’uun hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru.

Marichi hammataa ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuu eeruun, hirmaannaan dubartoota, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi hayyootaa, akkasumas nama hundaa mirkanaa’uu isaa hubachiisaniiru.

Mariin kun sadarkaa murteessaa irra akka ga’e ibsuun, Manni Marichaas milkaa’ina isaa mirkaneessuuf gumaacha isaa akka cimsu dhaamaniiru.

Mariin biyyaalessaa garaagarummaa gara aadaa siyaasaa marii fi olaantummaa yaadaatti geessutti jijjiiruuf carraa guddaa ta’uus ibsaniiru.

Adeemsi kun lammiileen dhimma biyyaalessaa irratti bilisaan akka mari’atan gochuun, ijaarsa mootummaa biyyaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015