Hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaadha
Guraandhala 2/2018(ENA)- Itiyoophiyaatti hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaa ta’uusaa ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee ibsan.
Filannoo walii galaa 7ffaa ilaalchisuun ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa waltajjii qooda fudhattootaa magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.
Filannoon walii galaa 7ffaan nagaa, demokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u ministeerichi qooda guddaa bahachuuf qophii bal’aa taasisuusaa ministirri Ergoogee Tasfaayee waltajjicharratti ibsaniiru.
Hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, qama miidhamtootaa fi manguddootaa ijaarsa sirna dimokiraasiif murteessaa ta’uusaa ibsaniiru.
Filannoo kanaaf hirmaannaan dubartootaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Haala Kanaan Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii dhugaa ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf hirmaannaan dubartootaa hunda galeessi murteessaa ta’uu eeraniiru.
Walitti qabaan itti aanaa boordii filannoo Itiyoophiyaa Tasfaayee Newaayi gamasaaniin, filannoon waliigalaa 7ffaan walaba, hammataa fi amanamaa ta’ee akka xumuramu hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.