Iiziin gidduugala Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaare eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Iiziin gidduugala Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaare eebbifame
Guraandhala 1/2018 (ENA)- Raayyaa Ittisa biyyaatti gidduugalli Iizii Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaarsise eebbifame.
Mana kitaabaa kana Bulchaa Naannoo Amaraa Araggaa Kabbada fi Qodaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisa biyyaa Eebbisaniiru.
Manni kitaabaa kun dhaloonni beekumsaa fi dandeettii gonfatanii ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahaniif shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera.
Sirna eebbaa kanarratti Raayyaa Ittiisa biyyaatti Ajajaan olaanaan Iizii Daalol Leetenaal Jeneraal Zooduu Balaay , Ajajaa Olaanaa Iizii Kaabaa Bahaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chokkolii fi Hoggantoonni hojii olaanoon Naannichaa fi Qondaaltonni olaanon Raayyaa Ittisa biyyaa argamaniiru.