Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Xiyyeeffannoo Sagantaa Maaddii guutuuf kennameen bu’aan abdachiisaan galmaa’eera 

Guraandhala 1/2018 (ENA) -Naannoo Harariitti  xiyyeeffannoo sagantaa Maaddii guutuuf kennameen bu’aan abdachiisaan  galmaa’uu danda’uun ibsameera.

Hoggantoonni olaanoon Naannoo Hararii Aanaa Soofii ganda burqaatti  hojiiwwan misoomaa  hojjetamaa jiran  daawwataniiru.

Daawwanicharratti Hogganaan Biiroo Koomunkeeshinii Nannichaa Obbo Heenok Mulunaa akka ibsanitti, Sagantaawwwan maaddii guutuu Sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolan Naannoo Harariitti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu  dubbataniiru.

Naannichati Misooma Aannanii, Killeen, lukkuu fi omisha dammaa dabalatee dameelee hundaan  bu’aan qabatamaan  galmaa’uu danda’uu  ibsaniiru.

Keessumaa sanyii Sa’aawwanii fooyyessuun omishtumaa Aannanii fooyyessuu dabalatee misooma Foonii fi Aannanii guddisuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

  Naannichati hojii sagantaa  maaddii guutuuf xiyyeeffannoo kenamee hojjetameen  bu’aawwan galmaa’an  sadarkaa maatii fi biyyaatti  nyaataan of-danda’uuf tattaaffii taassifamuuf bu’uura ta’uu  ibsaniiru.


 

Aanaa soofii  ganda burqaatti  qe’een Dammaa fi Lukkuu  hundaa’eera.

Ijaarsi qe’ee Aannanii gandichatti hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin kun fuuldurattis cimee akka itti fufu   eeraniiru.

Daawwanicharratti  hoggantoonni olaanoon naannichaa ,Aanaa fi  gandaa argamaniiiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015