Magaalaa Naqamteetti Dargaggoonni Indaastirii Godoorratti gurmaa’anii hojiitti galan bu’aa qabeessa ta’aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Naqamteetti Dargaggoonni Indaastirii Godoorratti gurmaa’anii hojiitti galan bu’aa qabeessa ta’aa jiru
Guraandhala 1/2018 (ENA) Godina Wallaga Bahaa Magaalaa Naqamteetti dargaggoonni waldaan gurmaa’uun hojii damee Indaastiriirratti bobba’an bu’aa qabeessa ta’aa dhufuusaanii ibsan. Dargaggoonni kun dameelee hojii irratti bobba’aniin bu’aa qabeessa ta’uusaaniin, mataasaniitta darbanii namoota biroof carraa hojii uumuusaanii ENA’f ibsaniiru.
Magaalichatti hojii bu’aawwan pilaastikaa deebisanii fayyadamuurratti kan bobba’an durataa’aan waldaan Ammayyuu fi Fintaayee dargaggoo Ammayyuu Darajjee yeroo gabaabaa gurmaa’an keessatti bu’aa qabeessa ta’aa dhufuusaanii dubbateera.
Waldichi Liqaa motummaarraa birrii miiliyoona 4 tuqaa 5 argateen pilaasitikiiwwan hojiirra oolani deebisanii omishuun, omishasaanii tajaajilota adda addaaf gabaaf dhiheessaa jira jedhaniru.
Dargaggoo Ammayyuun dabaluun dargaggonni yerosaanii sirnaan fayyadamuun omishuu akka danda’aniif mootummaan haala liqaa mijeessu, bakka hojii akkasumas leenjii fi deeggarsa fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Waldaansaaniis bara kana gurmaa’uunii fi cimanii hojjechuun bu’aa galmeessaniin dargaggoota biroo14f carraa hojii uumuusaanii eeraniiru.
Dargaggoota carraan hojii isaaniif uumameefii keessaa Shamarree Daraartuu Gabbisaa yeroo ammaa carraa hojii argatteen ji’attii birria kuma 6 fi 500 ol argachuun hojjechaa jiraachuushee ibsiteetti.
Gara fuuladuraattis deeggarsa taassifamuu fi muuxannoo argatteen of dandeessee hojjechuuf karoorsuushee ibsiteetti.
Itti Annaan Durataa’aa Waldaan Shaarikaa biroon Sanyii, Addunyaa, Kuulanii fi Hiriyootasaanii, Dargaggoo Sanyii Gaaddisaa Bulchiinsichi bakka hojii fi liqaa birrii Miiliyoona 2 tuqaa 5 isaaniif mijeesseen hojii mukaarratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Waldaasaaniis carraa hojii dargaaggoota kudhaniif uumuusaa ibsuun, gara fuuladuraattis hojicha babal’isuun dargaggoota hedduu fayyadamoo carraa hojii taassisuuf cimnee hojjenna jedheera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Naqamtee obbo Biraanuu Asaffaa magaalichatti dargaggoota gurmeessuun hojiitti galchuuf karoora qabameen hojiin bu’aa qabeessi galmaa’aa jira jedhaniiru.
Bara baajataa qabametti waldaalee79 gurmeessuun birrii miiliyoona121 liqeessuun hojiilee adda addaarratti bobbaasuu danda’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni kun yaadawwan hojii haaraa maddisiisuunii fi gurmaa’anii hojjechuun omishasaanii magaalichaa fi jiraattota naannichaaf dhiheessaa jiru jedhaniiru.
Indaastiriiwwan godoo Magaalichatti argaman keessatti hojii omisha Mismaaraa, Uffata hodhuu, Hojii Maashina muka Baqaqsuu, omisha Bilookkeettii fi Teeraazoo dabalatee kanneen biroon akka argamu dubbataniiru.
Obbo Biraanuun itti dabaluun hojichaan dargaggoota bu’aa qabeessa taassisuurra darbee aadaa hojiisaani jijjiiruun gara fuuladuraatti bu’aa caaluuf gahoomsuun kaayyoosaanii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa Dargaggootaaf hojii deeggrsaa fi hordoffii kan cimsu ta’uu ibsaniiru.