Waggoottan darban misooma qabeenya beelladaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetaman bu'aa qabatamaa agarsiisaa jiru. - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan darban misooma qabeenya beelladaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetaman bu'aa qabatamaa agarsiisaa jiru.
Guraandhala 1/2018 (ENA) Waggoottan darban misooma qabeenya beelladaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetaman bu'aa qabatamaa galmeessisuusaanii Ministeerri Qonnaa beeksise.
Sosochii sagantaa maaddii guutuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin ifoome sagantaa biyyoolessaa yoo ta'u,kaayyoonsaa inni guddaan misooma beelladaa fi bu'aa beelladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuudha.
sosochiin kun Qonna Idilee baadiyaarra darbee Qonna Magaalaa
akka utubaa Diinagdee tokkootti Fayyadamuun Magaalotatti qaala'insa jireenyaa bu'uuraraa furuuf kan kaayyeffatedha.
Itiyoophiyaatti birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf sagantaan maaddii guutuu bocame Magaalittiitti bu'aa qabataa fidaa jira.
Ministeera Qonnaatti dursaan hojiiraawwachiistuu misooma beelladaa fi qabeenya qurxummii Aadde Tsiggeredaa Fiqaaduu akka ibsanitti, xiyyeeffannoo addaa mootummaan damichaaf kenneen Imaammannii fi tarsiimoon bocaman bu'aa fiduu eegalaniiru.
Sagantaan maaddii guutuu fedhii sirna nyaataa lammiilee guutuuf bocame misoomni Foonii,Killee,Dammaa fi Aannanii akka dabaluuf faayidaa guddaa gumaachuusaa dubbataniiru.
saganraan kun keessumaa fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa sadarkaa olaanaan guddisuusaa eeruun, waggoottan darban tajaajila fooyya'insa sanyiin jijjiramni argame abdachiisaa ta'uu ibsaniiru.
Horii gaafaa diqaalomsuun hojiin hojjetameen ammaan dura tajaajilli horii kuma 5 qofaatiif kennamaa kan ture yeroo ammaa gara miiliyoona 3 tuqaa 8tti ol guddachuusaa dubbataniiru.
Milkaa’inoota kana babal’isuuf dameeleen hedduun dhaabbatanii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Sanyiiwwan foyya’oo fayyadamuu ilalchisee milkaa’inni argame jijiirama omishaa guddaa galmeessuu eeruun, fakkeenyaaf cuucii guyyaa tokkoo raabsuun miiliyoona 26 irraa gara miiliyoona 136tti ol guddachuun omisha killee fi foonii guddiseera jedhaniiru.
Kanan wal qabatee itti fayyadamni Aananii namoota dhuunfaa waggaatti dabaluusaa kan ibsan yoo ta’u , bu’aan kun ulaagaa bu’aa beelladaa nama tokkoof barbaachisu dhaabbilee fayyaa Idil -Addunyaatiin kaa’ame galma ga’uuf milkaa’ina gudddaa ta’uu eeraniiru.