Dameen industirii Itiyoophiyaa qulqulluu fi nageenya naannoof gumaacha teekinooloojii taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dameen industirii Itiyoophiyaa qulqulluu fi nageenya naannoof gumaacha teekinooloojii taasisaa jira
Amajjii 30/2018 (ENA) - Dameen industirii Itiyoophiyaa qulqulluu fi nageenya naannoof gumaacha teekinooloojii taasisaa jira jedhan Ministirri Indaastirii Malaakuu Alleebal.
Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Alleebal industirii Zoonii Diinagdee Addaa Booleetti oomishaalee jijjiirama qilleensaa hir’isuu, miidhagina magaalotaa fi qulqullina naannoof faayidaa olaanaa qaban oomishaa jiran daawwataniiru.
Kanumaan walqabatee akka jedhanitti, Dameen industirii kalaqa teeknooloojii jijjiirama qilleensaa hir’isuu, magaalaa miidhagsuu fi qulqullina naannoodhaaf faayidaa qabu gumaachaa jira.
Industiriiwwan maanufaakchariingii hedduun oomisha dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa saffisiisu oomishaa jiraachuus ibsaniiru.
Industiriiwwan maanufaakchariingii Zoonii Diinagdee Addaa Boolee-Lammiitti socho’anis oomishaalee boba’aa qusatanii fi gadi lakkifama kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa qaban dhiyeessuu isaanii ibsuun, kunis bosona ciruu ittisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Oomishaaleen industirii magaalota keessatti sirna mana jireenyaa, geejjibaa fi bulchiinsa balfaa ammayyeessuuf itti fayyadamaa jiranii fi galteewwan misooma koridariitiif ta’an dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Abbaan qabeenyaa Warshaa Annisaa Aneegaa Zoonii Diinagdee Addaa Boolee-Liimiitti argamu Piroofeesar Tsaggaayee Naggaa akka himanitti, lammiileen meeshaalee nyaata qulqullinaan bilcheessu dhabuun rakkoof saaxilamanii fi kanaan wal qabatee faalama qilleensaa mudatu hir’isuuf hojjechaa jirra jedhani.
Imaammata biyyattiin diinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf qabduun walsimsiisuun warshaan isaanii meeshaalee nyaata bilcheessuun qulqulluu ta’an oomishaa jiraachuu ibsaniiru.
Piroofeesarichi oomishaaleen kunneen oomisha biyya keessaa bakka bu’uu fi akkasumas gabaa biyya alaatti erguuf dandeettii kan qaban ta’uu eeruun, Dandeettii al-ergii daran guddisuuf qooda fudhattoonni qindoomina isaanii akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.
Hojjettoota warshichaa kan ta’an Gannat Shawaangizaawu fi Tolchaa Kabbadaa yaada kennaniin warshaan kun carraa hojii uumuu qofa osoo hin taanee teeknooloojii haadholii aaraa fi dadhabbii irraa bias baase dha jedhaniiru.
Hojjettoonni kunneen turtii isaanii keessatti dandeettii ogummaa isaanii fooyyessanii cehumsa teeknooloojii uumaa akka jiran hubachiisaniiru.
Akka Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal jedhanitti, mootummaan dandeettii oomishtoota nageenya naannoo fi miidhagina magaalaa tajaajilan guddisuuf ciminaan ni hojjeta.
Oomishtummaa industirii faalama irraa bilisa ta’e mirkaneessuuf, akkasumas milkaa’ina anniisaa haaromfamuu fi Ashaaraa Magariisaa irratti galmaa’e itti fufsiisuuf tumsi qooda fudhattoota waliin taasifamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.