Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa yaa'ii waliigalaa isa jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa yaa'ii waliigalaa isa jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessuu eegale
Amajji 30/2018(ENA) - Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa yaa'ii waliigalaa isa jalqabaa waggaa 1ffaa guyyaa har’aa gaggeessuu eegaleera.
Konfiraansii seena qabeessa kana irratti Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaa, , Pireezidaantotni Manneen Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoolee, miseensonni Yaa’ii Waliigalaa Mana Marichaa fi hoji gaggeessitoonni, hayyoonni beekamoo, fi keessummoonni affeeramanii argamaniiru.
Waltajjicharratti Boordiin Hojii Raawwachiiftuu Filannoo Bara 2017 Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa wal harkaa fuudhinsa sanadootaa raawwateera.
Walgahii kanarratti gabaasni raawwii hojii ji’oota 6 dhiyaatee irratti mari’atama jedhamee eegama; akkasumas filannoon ittiin bulmaataa hojii raawwachiiftuu ni gaggeeffama jedhamee eegama.
Pirezidaantiin Mana Marichaa Sheek Haajii Ibraahiim Tufaa haasaa baniinsaa taasisaniin, konfiraansiin kun dhaadannoo "Filannoon keenya Masjiida Keenya keessa jira" jedhuun hawaasni Musliimaa Itiyoophiyaa guutuun bakka bu'oota isaa erga filatee borumsaa isaa kan gaggeeffame waan ta'eef seena qabeessa ta'uu ibsaniiru.