Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Godina Shawaa Lixaatti Manneen jireenyaa modeelaa qonnaan bultootaaf ijaarsise dabarsee kenne. - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Godina Shawaa Lixaatti Manneen jireenyaa modeelaa qonnaan bultootaaf ijaarsise dabarsee kenne.
Amajjii 30/ 2018 (ENA) - Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Godina Shawaa Lixaatti Manneen jireenyaa modeelaa tajaajila tola ooltummaa Gannaa abbootii qabeenyaa qindeessuun ijaarsise qonnaan bultootaaf dabarsee kenneera.
Sirna eebbaa fi walharkaa fuudhinsa kanarratti Pireezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, Waajjira Ministira Muummeetti, Ministira Dhimma Kaabinee fi To'annoo Seektaraa Deetaa Ministiraa Dr. Akiliiluu Taaddasaa, Komishinara Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, Bulchaa Olaanaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa fi jiraattonni naannichaa argamaniiru.
Manneen kunneen haala addatti mootummaan sadarkaa jireenyaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa fooyyessuuf taasisaa jiru deeggaruuf kan qophaa’aniidha.
Maneen kunniin, anniisaa humna aduu ammayyaa maddisiisuu kan danda’an kan dhaabameefii, nyaata bilcheessuuf baayoogaazii kan fayyadaman, meeshaalee guutuu fi mana fincaanii ammayyaa fi manneen tajaajila guutuu kan qaban ta’uu ibsameera.
Haala jireenya qonnaan bultootaa ilaalcha keessa kan galchee fi haala addaa fi qulqullinni isaa kan eegame dallaan beeyladootaa kan ejaarameefii qaba.
Piroojektiin ijaarsa manaa kun qaama Misooma Kooridarii Baadiyyaa yoo ta’u, mul’ata mootummaan jireenya baadiyyaa fooyyessuu qabatamaan hojiirra oolchuuf hojjechaa jiru kan agarsiisu ta’uu ibsameera.
Sagantaan tajaajila tola ooltummaa Gannaa hojii misoomaa gara gandoota baadiyyaatti babal’isuun hawaasa rakkoof saaxilamoo ta’an gargaaruu bira darbee, guddina diinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu ibsameera.