Tamsaasa Kallatti:

Riizoortiin Hara Loogoo kutannoo fi hojii qabatamaa Itiyoophiyaan Afriikaarraa bakka ga’umsa tuurizimii adda duree ta’uuf qabdu kan agarsiisu wabii dhaabbataa bara baraan jiraatudha.

Amajjii 30/2018(ENA)- Riizoortiin Hara Loogoo kutannoo fi hojii qabatamaa Itiyoophiyaan Afriikaarraa bakka ga’umsa tuurizimii adda duree ta’uuf qabdu kan agarsiisu wabii dhaabbataa bara baraan jiraatu ta’uusaa waajjirri ministira muummee ibse.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Karoora maaddii dhalootaatiin lafa heektaara 13.3 irratti kan ijaaramee Riizoortiin Hara Loogoo eebbisaniiru.

Riizoortiin Hara Loogoo tajaajiloota ammayyaa fi sadarkaa idil addunyaa eeggatan hundi kan guutameef ta’uu waajjirichi ibseera.

Riizoortiin kun maneen soorataa ammayyaa fi sadarkaasaanii eeggata, bakka daakkii bishaanii, daandiin asfaaltii keessoo fi buufata Heeliikooftaraa kan qabu ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Kana malees zooniiwwan muduraa garagaraa fi bakkeewwan magariisaa ijatti tolan kan qabu waan ta’eef, daawwattoonni yaadannoo hin hirraanfatamne akka qabaatan kan godhu bakka hedduu hawataa ta’uu ibseera.

‎Kana malees kutannoo fi hojii qabatamaa Itiyoophiyaan Afriikaarraa bakka gahumsaa

tuurizimii adda duree ta’uuf qabdu kan agarsiisu wabii dhaabbataa bara baraa ta’uusaas akkasuma.

Riizoortichi misooma tuurizimii eegumsa qabeenya uumamaa, egeree fi hammattummaa waliin walitti qindeessuun, duudhaa aadaa fi uumamaa ummanni Walloo qabu hawaasa addunyaaf kan itti beeksisu maaddii bal’aa ta’ee ni tajaajila jedhe waajjirichi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015