Hojiiwwan milkaa’ina Marii Biyyoolessaa hafaniif gahee nurraa eegamu ni baana- Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan milkaa’ina Marii Biyyoolessaa hafaniif gahee nurraa eegamu ni baana- Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa
Amajjii 30/2018(ENA) - Hojiiwwan milkaa’ina Marii Biyyoolessaa hafaniif gahee nurraa eegamu ni baana jedhan Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree 6ffaa Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa irratti ibsaa fi deebii kennaniin, "Mariin yaada namaa ciimsa; waliin mari’achuun cabinsa supha" jechuun faayidaa mariin qabu ibsan.
Dhaloonni amma jiru onnee gootummaa abbootiin isaanii tokkummaa birmadummaa biyyattiif kaffalan dhaaluun, Itiyoophiyaa qaroominaa fi mariin ijaaramte dhaloota egereef dabarsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Komishinichi hanga ammaatti namoota kuma dhibbaan lakkaawaman mariisisuu eeruun, Ameerikaatti, Awurooppaatti, Giddugaleessaa Bahaatti, Afrikaa fi lammiilee Itiyoophiyaa naannoo hunda jiran waliin gahuu ibseera.
Haaluma kanaan ajandaalee hedduu walitti qabuu ibsuun, hanga ammaatti ajandaa walitti qabuu fi marii biyyaalessaa guddicharratti kan hirmaatan bakka buutota adda baasuu hojjechuu himeera.
Itti aanaan barreessaa olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Mas’uud Adam turtii ENA waliin taasisaniin, mariin biyyaalessaa rakkoolee mudataniif furmaata waaraa waan ta’eef, milkaa’ina isaaf gumaacha barbaachisu taasisuun barbaachisaa ta’uu himan.
Faayidaan Marii Biyyaalessaa biyyaaf waan ta’eef,gara adeemsichaatti qaamoleen hin seenne, seenuun ajandaa qaban marii biyyaalessaaf dhiyeeffachuun milkaa’ina isaafis gahee isaan irraa eegamu akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.