Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Riizoortii Haroo Loogoo eebbisan

Amajjii 30/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Riizoortii Haroo Loogoo eebbisaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin,Riizoortichi miidhagina uumamaa Walloo, ammayyummaa akkasumas misooma sadarkaa idil addunyaa eeggate waliin wal simsiisuun kan qabu piroojektii ajaa’ibaati jedhan.

Riizoortiin kun guddina diinagdee naannichaa fi biyyattii ariifachiisuuf gahee olaanaa qabaachuus eeraniiru.


 

Goorgoraatti aanee pirojektii Maaddii Biyyaa naannoo Amaaraatti hojjetamaa jiru isa lammaffaa ta'uu eeruun, dameewwan qonnaa, geejjibaa, turizimii fi tajaajila birootiin carraa hojii kallattii fi al-kallattiin ni uuma jedhaniiru.

Kunis oomishtoota naannoo sanaaf, artiistotaa fi kanneen hojii uumaniif carraa gabaa haaraa kan mijeessu yoo ta’u, guddina turizimiitii fi wabii jireenyaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura guddaa kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.


 

Pirojektiin yaadama ida’amuun hogganamu kuni, mootummaa fi damee dhuunfaa Maaddii tokkoon moggaasuun imaammata gara hojiitti, invastimantii gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruu dubbataniiru.

Riizoortiin walta’iinsaan ijaarame kun, Tumsa Mootummaa fi Dhuunfaa (PPP), itti fufiinsa imaammataa fi guddina yeroo dheeraaf bu’uura waaraa kan kaa’e ta’uu ibsaniiru.

Waanuma hundaa’ol immoo, Riizoortiin Haroo Loogoo, uummata Walloo gara laafotaa fi garaa qulqulluu ta’an hambaasaanii, aadaasaanii, duudhaa, aadaa simannaa keessummaa isaanii addunyaaf kan ittiin ibsatan kennaa olaanaa ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015