Tamsaasa Kallatti:

Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa damee Baalee hanqina sanyii filatamaa mul'atu furuuf carraaqqii taasisuun cinaatti hojiilee tola ooltummaa keessatti gahee isaa bahachaa jira.

Amajjii 29/2018 (ENA)-Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa damee Baalee hanqina sanyii filatamaa mul'atu furuuf carraaqqii taasisuun cinaatti hojiilee tola ooltummaa keessatti gahee isaa bahachaa jiraachuu beeksise.

Intarpiraayizichi Godina Baalee Aanaa Sinaanaa ganda Walta'ii Bariisaatti mana maatii harka qalleeyyiif baasii birrii miiliyoona tokkoo oliin ijaarsise wa lharkaa fuudhiinsi taasifame.

Saganticharratti hojigaggessaan damee Baalee Obbo Muluqan Aschaaloo Intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa mul'atu furuun cinaatti hojii tajaajila lamummaa keessatti gahee isaa bahachaa jiraachuu dubbatan.

Intarpiraayizichi oomisha yeroo bonaa lafa heektaara kuma 17 fi 700 Ol irratti misoomserraa hanga ammaatti kuntaala kuma 400 Ol sassaabuu dubbatan.

Sanyiileen intarpiraayizichaan baay'ifamaa jiran fedhii qonnaan bulaa jiddugala kan godhataniif oomisha fooyyee kan kennaan Bokkuu, Shaaqii, Abbayaa, Boruu, Dursaa faan keessatti kan argamu ta'uu dubbatan.

Intarpiraayizichi Sanyii dheedhii sassaabaa jiruun cinaatti sanyii jallisii boneetiifi waqtii arfaasaaf oolu qulqulleessaa jiraachuus akeekan.

Obbo Muluqan akka jedhanitti Intarpiraayizichi carraaqqii hanqina Sanyii filatamaa mul'atu xiqqeessuuf taasisuun cinaatti hojii tajaajila lamummaa keessatti hirmaachuun gahee isaa bahachaa jiraachuus kaasan.

Manni jireenyaa Intarpiraayizichi Godina Baalee aanaa sinaanaa ganda Walta'ii Bariisaatti maatii harka qalleeyyiif ijaaruun walharkaa fuudhiinsi taasifame qaamuma carraaqqii kanaa ta'uu eeran.

Intarpiraayizichatti qinddeessituun korniyaa Aaddee Mahdiyyaa Ahmad gama isaaniitiin Intarpiraayizichi hojiilee hojjatu kamuu keessatti hirmaannaafii fayyadamummaa dubartootaa mirkanaa'uu kan xiinxalu ta'uu dubbatan.

Intarpiraayizichi mana harka qalleeyyiif ijaaramuun har'a dabarfame dabalatee baatiiwwan jahan dabranitti hojiileen tilmaama birrii miiliyoona 2 olitti tilmaamaman hojjatamuu yaadachiisan.

Bulchaa ittaanaan Godina Baalee Obbo Abrahaam Haylee gama isaaniitiin Intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa xiqqeessuuf tattaaffii taasisuun cinaatti hojiin tajaajila lamummaa keessatti bahachaa jiru dhaabbilee birootiifis fakkeenya ta'uu dubbatan.

Namoonni manni jireenyaa ijaarameefis intarpiraayizicha galateeffatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015