Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay
Amajjii 29/2018(ENA) - Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uu isaa gocha qabatamaan agarsiiseera jedhan jiraattonni magaalota naannoo Tigraay adda addaa ENA’n dubbise.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti akka ibsanitti, waldhabdeen mootummaa Eertiraa waliin uumame yeroo Waraana Kaabaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Shiree to’achuun, waraanni Eertiraas kana hordofee manneen namoota dhuunfaa fi gamoo diiguu eegaluun akka ta’e ibsuun isaanii ni yaadatama.
Magaalota Adwaa fi Addigiraatitti waarshaalee saamuunii fi bubuqqisee konkolaataan fe’achuun, akkasumas Aksumitti immoo dargaggoota irratti yakka ajjeechaa inni raawwate mootummaa Itiyoophiyaa waliin lola cimaa keessaa isa galchuu danda’eera jedhan.
Kana waliin walqabatee magaalota Shiree, Aksumii fi Maqalee keessa naanna’uun galaalchaan ENA jiraattota gaafateen, mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan.
Jiraattuun magaalaa Shiree Indasillaasee aadde Raahiwaa Alamaayyoo, yeroo waraana kaabaa sanatti loltoonni Shaabiyaa magaalaa Shiraaroo irraa hanga naannoo Maqaleetti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkoota sukaneessaa raawwachuu isaanii himaniiru.
Keessumaa magaalota keessaa warshaalee fi qabeenya ummataa adda addaa bubuqqisee fe’uun qabeenya ummataa ifatti saameera jedhan.
Mootummaan Shaabiyaa nageenya kan hin barbaanne diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan.
Yeroo waraana Kaabaa sanatti loltoonni Eertiraa magaalota naannooTigiraay keessatti ummataa fi qabeenya irra yakka sukaneessaa hojjechuu isaanii kan himan jiraataa magaalaa Aksum kan ta’an barsiisaa Abrahaam Tamasgeenidha.
Kana waliin walqabatee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa kennan qabatamaan mul’atee kan darbedha jedhan.
Naannoo Maqalee aanaa Indaartaa ganda Masaboo keessa kan jiraatan qonnaan bulaa Malaakuu Barihaa, yeroo waraana Kaabaa loltoonni Eertiraa meeshaalee manaa, oomishaa fi beeyladoota dabalatee saamanii fudhataniiru jedhan.
Sababa kanaan qonnan bultoonni hedduu rakkoo hamaa keessa bu’uu himuun, namoonni yeroo isaan yakka akkanaa raawwatan warreen dhowwachuu yaalan irratti ajjeechaa fi yakka sukaneessaa raawwachaa turuu isaanii himan.
Kanaaf mootummaan Eertiraa yoomillee taanaan, mootummaa Itiyoophiyaa fi ummatsheef waan gaarii kan hin yaannee fi kaayyoo diigumsaa qabatee kan hojjetu ta’uu isaa yaada kennitoonni kunniin ibsaniiru.