Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroppaaf caarraawwan Invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuudha

Amajjii 29/2018(ENA)-Itiyoophiyaan Kaampaanota Awuroopaaf carraa invastimantii mijataa uumuun michuu amanamtuu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom Immesberger ibsan.

Ambaasaaddar Soofii Firoom Immesberger turtii ENA waliin taasisaaniin Gamtichi Mana Maree Daldalaa Awurooppaa waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti dirreen daldalaa babal’achaa dhufuusaan kaampaanonni 180tti dhihaatan Itiyoophiyaatti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa fi kaampaanonni Awurooppaa walitti hidhaminsasaanii cimsuuf marii taasisuusaaanii ibsuun, gara fuulduraattis fooramiin daldalaa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa baatii Eblaa ni gaggeeffama jedhaniiru.

Fooramichi carraawwan Invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdu beeksisuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Fooyya’insi Diinagdee gooroo guutuu Itiyoophiyaa dameelee Diinagdee hedduun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kan ibsan ambaasaaddarri kun, riifoormichi sharafa Alaa waliin rakkoolee wal qabatan furuuf kaampaanonni Awurooppaa hedduun gara gabaa Itiyoophiyaatti akka makaman taasiseera jedhaniiru.

Kaampaanonni Awurooppaa gara Invastimantii Itiyoophiyaatti makamuuf fedhiin qaban guddachaa dhufuun milkaa’ina riifoormichaaf tumsaan akka hojjetan ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa Aannisaa haaromfamaan, Fayyaa fi dameelee tumsa gara biroon Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Gara fuuladuraatti gamtichi Dinagdee marsaa , Misooma magaaalaa fi dameewwan daldalaa fi Invastimantii biroorratti michuu amanamaa Itiyoophiyaa taa’uun ittifufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015