Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu – Bulchaa Nannichaa Ordiin Badrii

Amajjii 29/2018(ENA)-Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu jechuun Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin dubbatan.

Naannoo Harariitti gamaggamni karoora raawwii hojii Mootummaa fi paartii walakkaa waggaa bara 2018 gaggeeffamuu eegaleera.


 

Waltajjii gamaggamichaarratti Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii akka ibsanitti, walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiin abdachiisaan raawwatamuun danda’ameera.

Xiyyeeffannoon Waltajjichaa gamaggama raawwii hojii moootummaa fi paartii baatiiwan ja’aa karoora bu’uureffate gamaggamuun hojiiwwan fuulduraatiif of qopheessuuf ta’uus eeraniiru.

Waltajjiin gamaggamichaas ciminoota walakkaa waggaa bara baajatichaa jiran babal’isuun, hanqinoota mul’atan guutuun bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf galteen kan itti walitti qabamu, akkasumas filannoo biyyoolessaa 7ffaatiif qophiin kan taassifamuu fi haalli mijataan kan itti uumamu ta’uu eeraniiru.


 

Keessumaa hojiiwwan gurmaa’insaa fi siyaasaa sirnaan ilaaluun hubannaa waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojiin mootummaa inni guddaan guddina Dinagdee Ariifataa mirkaneessuu fi fayyadamumma misooma uummatichaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman sakatta’amuu qabna jedhaniiru.

Kanaanis omishaa fi omishtummaa dagaagsuuf, carraa hojii babal’isuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf, Invastimantii jajjabeessuu fi gama biroon hojiiwwan hojjetaman ni gamaggamamu jedhaniiru.

Hirmaanaa fi qulqullina Barnootaa, tajaajila fayyaa fi dameelee Hawaasummaa biroon akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Galii Mana qopheessa fi diinagdee maddisiisuu duguuganii walitti qabuurratti hojii hojjetame gadi fageenyaan ni ilaalamu jedhaniiru.

Rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu fi hoj-maata badaa hanbisuuf ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman waltajjichaan akka gamaggamamu kaasaniiru.

Naannichatti nageenya cimsuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waltajjii gamaggamichaarratti Afayaa’iin Mana maree naannichaa Sulxaan Abdusalam, hogganaan paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoonii fi gidduugaleessaa mootummaa fi Paartii Naannichaa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015