Tamsaasa Kallatti:

Magaalittii giddugala konfiraansii turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetaman taateewwan adda addaa akka dabalan taasiseera

Amajjii 29/2018(ENA) - Magaalaa Finfinnee giddugala konfiraansii turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa fi pirojektoonni gurguddoon hedduun hojjetamaa turan firii kan argamsiisan yoo ta’u, taateewwan magaalattii keessatti raawwataman baay’isaniiru jedhan kantiibaan magaalittii aadde Adaanech Abeebee.


 

Manni Maree Magaalaa Finfinnee bara hojii waggaa 5ffaa, walgahii idilee 2ffaa gaggeessaa jira.

Walgahii kanarratti kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji’oota jaha jalqabaa bara baajata 2018 mana marichaaf dhiyeessaa jiru.

Raawwii hojii damee turizimii ilaalchisee, ji’oota jahan darbanitti sagantaaleen ardii Afrikaa fi idil-addunyaa gara 150 ta’an magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu isaanii ibsaniiru.

Kunis bara darbe yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina dhibbeentaa 50 agarsiisuu isaas eeraniiru.


 

Magaalaa Finfinnee konfiraansii turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran taateewwan akka baay’ataniif gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibsaniiru.

Walumaagalatti damee Turizimiirraa mallaqni birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 55 gara diinagdee magaalichaatti galii ta’eera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015