Tamsaasa Kallatti:

Zooniin Diinagdee Addaa ji'oota jahan darbanitti oomisha bakka bu'aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan Oomisheera

Amajjii 29/2018 (ENA)-Zooniin Diinagdee Addaa Adaamaa ji’oota jahan darban keessatti oomisha bakka bu’aa birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 kan baasan oomishuun sharafa alaa baraaruu beeksise.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Kibxata darbe gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa irraa gaaffii ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniin, Sochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa alaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 4 baraaruu danda’eera jedhan.

Indaastiriiwwan oomisha bakka bu’aa, al-ergii fi gumaacha diinagdee irratti kaka’umsa olaanaa fi bu’aa oomishtummaa guddaa agarsiisaa akka jiran ibsaniiru.


 

Hogganaan olaanaa Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa obbo Gullilaat Abbabaa ENAtti akka himanitti, Oomisha bakka bu’ummaa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa hir’isuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan mul’achaa akka jiru ibsaniiru.

Indaastiriiwwan Zoonii Diinagdee Addaa keessa jiran oomisha bakka bu’aa irratti xiyyeeffachuun sharafa alaa baraaruu danda’aniiru jedhan.

Zoonii diinagdee kana keessatti oomishaaleen bakka bu’aa sadarkaan isaanii eegame oomishamaa jiraachuu eeruun, isaan keessaas uffata, halluu ijaarsaa fi sibiilaa, meeshaalee ijaarsaa, safartuu ibsaa fi qulqullina daa’immanii kan eegu (daayipparii) faa akka ta’an himan.


 

Dhaabbilee Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa jiran keessaa Muktaar Kadir, manaajara oppireeshinaalaa Anteeksi Teekistaayilii Chaayinaa kan ta’an, dhaabbatichi uffata adda addaa omishuun gabaa Awurooppaaf dhiyeessuu fi galii sharafa alaatiif gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.


 

Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaa keessa sheedonni kudha salganuu kan abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaan qabaman yoo ta’u, lammiilee kuma 9 ol ta’aniif carraa hojii dhaabbataa uumuun isaanii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015