Filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuuf qophii irra jirra- Paartiilee Siyaasaa - ENA Afaan Oromoo
Filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuuf qophii irra jirra- Paartiilee Siyaasaa
Amajjii 29/2018 (ENA) - Paartileen siyaasaa adda addaa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisaa akka jiran beeksisaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ibsa kennaniin, mootummaan filannoon bara kanaa muuxannoo kanaan duraa caalaa nagaa, haqa qabeessaa fi kan hunda hammate akka ta’uuf kutannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti filattota akka manaatti ykn akka utubaatti, paartileen hirmaatan ammoo akka maagaraatti fakkeessuun eeruun, akkasumas haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannaan addaa akka kenname mirkaneessaniiru.
Hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa kan ENA’n dubbise, milkaa’ina filannoo kanaaf hojii qophii barbaachisu hojjachaa akka jiran eeraniiru.
Pireezidaantii Mana Maree Biyyoolessaa Agawu fi Hogganaan Dhimmoota Siyaasaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Alamarawu Yirdaawu filannoon waltajjii guddaa sagaleen olaanaan ummataa itti dhaga’amuu fi egeree biyyattii itti murtaa’u ta’uu hubachiisaniiru.
Gamtaan isaanii yeroo ammaa naannolee hedduu keessatti kaadhimamaa filachuu fi galmeessaa jiraachuu eeruun, caasaa jaarmiyaa cimsuu fi manifestoo filannoo qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Filannoon kun nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf paartiin isaanii gahee isaa akka ba’us mirkaneessaniiru.
Haaluma walfakkaatuun dura taa’aa itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Gaamoo fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Tumsa Nageenya Itiyoophiyaa obbo Daaroot Gum’aa filannoo bara kanaatiif qophii eegaluu isaanii mirkaneessaniiru.
Filannoon kun dimokiraatawaa fi amansiisaa akka ta’uuf Boordii Filannoo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran kan ibsan obbo Daaroot, paartiin isaanii tooftaalee filannoo kana irratti dorgoman bocuun hojii eegaluu isaa akeekaniiru.
Qophii fi adeemsa filannoo irratti hubannoo waloo uumuuf, keessumaa waltajjii marii walduraa duubaan miseensotaa fi deeggartoota waliin qopheessuun hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.