Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti biqiltuuwwan Bunaa sanyii fooyya’aa qaban  miiliyoonni 379 ol dhaabbiif qophaa’aa jiru  

Amajjii 29/2018(ENA) - Godina Wallaggaa Lixaatti biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aan  qophaa’aa jiraachuu  Waajjirri Qonnaa Godinichaa  beeksise. 
Waajjira Qonnaa Godinichaatti dursaan garee misooma Bunaa fi shayii  Ifireem Masfin ENAtti akka ibsanitti,  godinichatti biqiltuuwwan bunaa Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Jimmaarraa kan argamanii fi  yeroo gabaabaa keessatti sanyii fooyya’aa kan kennan  qophaa’aa jiru jedhani. 
Biqiltuuwwan bunaa dhaabbii Ganna dhufuuf  qophaa’aa jiran,   miiliyoona 379 tuqaa 8 ol ta’uusaanii eeruun, biqiltuuwwan kana  buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa keessatti qophaa’aa  jiraachuu  dubbataniiru. 



Qophichaan  qonnaan bultoonni omishtoota bunaa kuma 56 ol  hirmaachaa  jiraachuusaanii  ibsaniiru. 
Biqiltuuwwan bunaa dhaabbii Ganna dhufuuf qophaa’aa jiran   lafa heektaara kuma 64 ol irratti akka  dhaabbatu  ibsaniiru. 
Godinichatti omishtummaa bunaa guddisuuf qonnaan bultoonni biqiltuuwwan bunaa dullooman   gamashuunii fi biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aa qaban akka dhaabbatan  taassifamaa jiraachuu  ibsaniiru. 



Dhaabbiin biqiltuu dhuma baatii Caamsaatii hanga Adoolessa 2018tti akka  gaggeeffamuu fi  qonnaan bultoonni ammumaan boolla biqiltuun itti dhaabbatu qopheessuu   eegaluusaanii  himaniiru. 
Biqiltuuwwan kuma 2 ol dhukkuba kan dandamatanii fi omisha gaarii kennan   dhaabbii Ganna dhufuuf biqilchaa jiraachuu qonnaan bulaa aanaa Gimbii  Wandimmuu Galataa ibsaniiru. 
Mootummaan waggaa waggaan biqiltuuwwan bunaa sanyii fooyya’aa  dhihessuusaan  omishtummaasaanii guddifachuuf isaan gargaaruu dubbataniiru. 



Jiraataan Aanaa Hoomaa qonnaan bulaa  Abdataa Likkaasaa  gamasaaniin, buna itti fufinsaan misoomsuun  fayyadamummaasaanii  guddisuusaanii ibsaniru. 
Dhaabbii biqiltuu Ganna dhufuuf biqiltuuwwan kuma 3 ol dhuunfaasaaniin  qopheessaa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa qophii boolla biqiltuu fi xaa’oo uumamaa    taassisaa jiraachuu  dubbataniiru. 
Godinichatti  lafti heektaara  kuma  600 ol  misooma bunaan misoomsamaa jiraachuu  ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015