Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa ta’uun filataman - ENA Afaan Oromoo
Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa ta’uun filataman
Amajjii 28/2018 (ENA) – Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Manni Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa Yaa’ii waliigalaa 5ffaa gaggeesseera.
Yaa’ii gaggeeffameen Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Akkasumas, Barsiisaa Wangeelaa Taarikuu Biraanuu fi Doktar Beeta Maangistuun pireezidaantii itti aantootaa fi Paastar Geetinnat Lammaa Barreesaa Mana Marichaa ta’uun akka tajaajilaniif filatamaniiru.
Odeeffannoon Mana Maricharraa argame akka agarsiisutti, Manni Marichaa hoggantoonni Manni Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa akka tajaajilaniif filataman barri hojii isaanii milkaa’aa akka ta’u hawweera.