Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Maaddii Guutuu yaada addaa fi hojiirra oolmaa mootummaan kabaja lammiilee fi biyyaaf qabu ittiin agarsiise dha - Itti Aaanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Amajjii  28/2018 (ENA) - Sagantaan Maaddii Guutuu Yaadaa fi raawwii addaa mootummaan kabaja lammiilee fi biyyaaf qabu agarsiise ta’uu itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsani.

Mootummaan hojiirra oolmaa imaammata wabii nyaataa waaraa mirkaneessuu keessatti, Sagantaa Maaddii Guutuudhaan akka humna dabalataatti itti fayyadamee hojjeteera.


 

Inisheetiiviin kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin maddee jalqabame kun, jireenya maatii baay’ee jijjiireera; gara fuulduraattis jijjiiruu isaa itti fufa.

Sagantaa Maaddii Guutuudhaan gor-duuba waggoota dheeraaf akka qabeenyaatti ilaalamaa hin turre gara naannoo misoomaatti jijjiireera.

Kanaan wal qabatee, nyaata madaalawaa argachuun imaammata fayyaa keenya kan ittisa dhukkubaaf dursa kennu waliin hariiroo kallattii qaba.

Kunis yaada Ida'amuu irraa maddee, madaallii hojii kalaqaatiin oomishaalee beeyladootaa gara ooyiruu keenyaatti haala sirriidhaan akka dhufan godheera.

Sagantaa Maaddii Guutuutiin jireenyaa fi fayyaa namootaa kabajamaa ta’e, akkasumas bifaa fi kabaja biyyaa guddaa, dabalataan mul’ata keenya wabii nyaataa waaraa mirkaneessuu waliin walitti hidhameera.


 

Harki ciminaan hojjetu Maaddii isaa guuteera; gara fuulduraattis ni guuta jechuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015