Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Tuurizimii Motummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan Ikoo Turiizimii babal’isuuf hojii hojjechaa jirturratti marii’atan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Tuurizimii Motummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan Ikoo Turiizimii babal’isuuf hojii hojjechaa jirturratti marii’atan
Amajjii 28/2018(ENA)-Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNTourizim) Sheeyika Alnowiis waliin Itiyoophiyaan IkooTuriizimii babal’isuuf hojii hojjechaa jirturratti marii’ataniiru.
Mariisaaniin Itiyoophiyaan bakkeewwan gahumsa Ikoo Tuurizimii babal’isuuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu barreessaa olaanaan dhaabbataichaa Sheeyika Alnowiis ibsaniiru.
Marichi Itiyoophiyaa fi Dhaabbatichi Ijaarsa dandeettiin, Inisheetivoota fulla’aa ta’anii fi dhiheessii qabeenya Faayinaansiin tumsa qaban haala cimsuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Barreessaa Olaantuun kun Itiyoophiyaan eegumsa Naannoo gidduugaleeffachuun bakkeewwan gahumsa Ikoo Tuurizimii babal’isuu fi guddisuuf hojii hojjechaa jirtu dinqisiifachuusaanii odeeffannoon ENAn waajjira pirezidaantiirraa argate mul’isa.
Jilli Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen durfamu yaa’ii mootummoota Gamtoomanii Addunyaa bara 2026 Dubaayitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.