Ministeerri fayyaa tajaajila Fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa taasisuuf deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa fi qoricha birrii miiliyoona 80 ollitti tilmaamuu taasise - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri fayyaa tajaajila Fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa taasisuuf deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa fi qoricha birrii miiliyoona 80 ollitti tilmaamuu taasise
Amajjii 28/2018(ENA)-Ministeerri fayyaa tajaajila Fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa taasisuuf dhaabbilee misooma Fayyaa garaa garaa waliin ta’uun deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa adda addaa, qorichootaa birrii miiliyoona 80 ollitti tilmaamuu akkasumas Abuulaansii tokko Waajjira fayyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaaf gumaache.
Sagantaa deeggarsaa kanarratti ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, de’eetaan ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa. Hoggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa piroofeesar Natsaannat Warqinaa, hoggantoonni godinaa olaanoon fi hawaasni magaalaa argamaniiru.
Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa Deeggarsa kana wayita taassisan dubbii dubbataniin waliin taanee Hawaasa fayyadamaa taasisuu fi dhaloota dhufuuf waan gaarii dabarsuuf Cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Qormaatileen jiraatanis hawaasni mootummaan nageenya buusuuf hojii hojii hojjetaa jiru keessatti gumaacha irraa eegamu akka taasisan Dr. Maqdas himaniiru.
Godinichatti waggoota muraasaan dura rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e qorichii fi meeshaaleen wal’aansa manca'uu isaatiin hawaasni rakkaachaa turuu kan kaasan ammoo de’eetaa ministira fayyaa doktar Darajjee Dhugumaati.
Yeroo ammaa nageenyi bu’uusaatiin qindoomina Ministeera Fayyaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa akkasumas waajjira Fayyaa Godinaa waliin ta'uun kenninsa tajaajilaa ammayyaa'aa fi si'ataa taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jechuun Dr. Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
Deeggarsi meeshaalee wal’aansaa taasifame kun Hospitaalotaa fi Buufataalee Fayyaa Godinicha keessatti argamaniif kan rabsamu ta’uunis eerameera.
Imaammataa fi Tarsimoo Fayyaa karoorfamee hojjetamaa jiruun hawaasa godina Horroo Guduruu Wallaggaa rakkoo keessa ture deeggaruu fi cinaa dhaabachuun misooma fayyaa galmaan gahuuf kan hojjetan ta'uu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeeser Natsaannat Warqinah himaniiru.
Hawaasni Godinichaa dheebuu misoomaa fi guddinaa waan qabuuf Mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennee hawaasa fayyaa buleessa horachuun guddina dinagdee saffisiisuu keessatti hojii cimaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee himaniiru.
waajjira koomunikeeshinii Godina Horroo guduruu wallaggaarraa