Tamsaasa Kallatti:

Daldala bunaa al-ergii irra caalaa guddisuuf oomishaalee sonni itti dabalame gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennameera

Amajjii 28/2018 (ENA)- Daldala bunaa al-ergii irra caalaa guddisuuf oomishaalee sonni itti dabalame gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan deetaan Ministeera Qonnaa doktar Mallas Mokonnon.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Waldaa Buna Faayin Afrikaa (AFCA) waliin ta’uun qopheesse, Agarsiisnii fi Konfiraansiin Buna Faayinii Afrikaa (Africa Fine Coffee) 22ffaa magaalaa Finfinneetti eegalameera.

Deetaan Ministeera Qonnaa doktar Mallas Mokonnon haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan bara baajataa 2017tti buna toonii kuma 469 gabaa alaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuu dandeesseetti jedhani.

Bu’aan kun seenaa bunaa biyyattii keessatti galii fi qulqullina olaanaa ta’uu ibsuun, bara kana galii kana gara doolaara biiliyoona 3tti ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiitiin hojiirra oolaa kan jiru Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee bunaatiif gumaacha olaanaa akka buuses ibsaniiru.

Hojiin haaromsaa mootummaan damee bunaa irratti hojjataa jiru bu'aa ajaa'ibaa galmeessisaa jira kan jedhani immoo itti aanaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Shaafii Humar dha.

Tarkaanfiin haaromsaa kun fayyadamummaa qonnaan bulaa oomisha bunaa irratti hirmaatuu fi daldala  cancala bunaa keessa jiran haalaan kan guddisedha jedhaniiru.

Dandeettii diinagdee damichaa daran cimsuuf xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uu eeruun, Konfiraansiin ammaa kun Afriikaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun qooda gabaa bunaa sadarkaa addunyaatti qabdu guddisuuf carraa gaarii akka uumus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015