Dhaabbilee Fayyaa humna namaa fi galteewwaniin cimsuun qulqullina tajaajila fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbilee Fayyaa humna namaa fi galteewwaniin cimsuun qulqullina tajaajila fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Amajjii 28/2018 (ENA) - Dhaabbilee Fayyaa humna namaa fi galteewwaniin cimsuun qulqullina tajaajila fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa.
Gareen Ministira Fayyaatiin durfamu Hospitaala Waliigalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Magaalaa Wallaggaa, Laaboraatoorii Naannoo, Fandii Qorichaa fi pirojektoota misoomaa biroo magaalaa Naqamtee daawwateera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa wayita sana akka jedhanitti, sadarkaa tajaajila fayyaa fooyyessuu fi qulqullina isaa eegsisuun hawaasa fayya qabeessa uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Dhaabbilee fayyaa galteewwan meeshaalee fayyaa fi misooma humna namaa cimsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa isaafis dandeettii dhaabbilee fayyaa adda baasuun, yeroo yeroon hordoffii fi deeggarsi akka taasifamu eeruun, daawwannaan godina Wallaggaa Bahaatti taasifame kunis qaama kanaa ta’uu ibsaniiru.
Dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuu fi tajaajila fayyaa hawaasaa bu’a qabeessa taasisuuf Ministeerichi dawaa fi meeshaalee yaalaa deeggarsa taasisuu isaa ibsaniiru.
Ministeerri kun dhaabbilee fayyaa Godina Wallagga Bahaa fi Magaalaa Naqamteef deeggarsa meeshaalee yaalaa adda addaa birrii miiliyoona 22 ol ta’u taasisuu eeraniiru.
Hospitaala Waliigalaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Magaalaa Naqamteef meeshaa yaala fayyaa kalee dhiqu afur kennuun tajaajila kennaa jiraachuun isaa waan jajjabeessaadha ta’uu ibsani.
Yaala kaansarii (Keemooteraappii) jalqabuun keessumattuu kutaa dhiha biyyattiitiif aaragalfii guddaa akka ta’es himaniiru. Haata’u malee yaalamtootaa fi dhiyeessiin jiru kan wal hin simne ta’uu eeruun, gara fuula duraatti akka fooyyeffamu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa gama isaaniitiin, deeggarsi garee Ministeera Fayyaatiin durfamu hojiiwwan Magaalaa Naqamteetti daawwannaanii fi deeggarsi taasisan tajaajila fayyaa hawaasaa fooyyessuuf dandeettii dabalataa akka ta’u dubbatani.
Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Wallagga Bahaa obbo Bultoosaa Bushaa akka jedhanitti, kenniinsa tajaajila fayyaa gamaaggamuufi kallattii kennuudhaaf hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo qaamaan argamuun rakkoolee mudatan waliin furuuf ni gargaara.
Dabalataanis Ministeera Fayyaa fi Waajjira Fayyaa Naannoo Oromiyaa deeggarsa yaalaa fi meeshaa taasisaniif galateeffataniiru.