“Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon” Daani'eel Kibrat Walitti Qabaa Boordii EBC ta'uun muudaman - ENA Afaan Oromoo
“Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon” Daani'eel Kibrat Walitti Qabaa Boordii EBC ta'uun muudaman
Amajjii 28/2018(ENA)- Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa walga'ii idilee har'aa taa’een, Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon Daani'eel Kibrat Walitti Qabaa Boordii Hojii Raawwachiiftuu Korporeeshinii Biroodkaastiingii Itiytoophiyaa (EBC) ta'uun muudamuu isaanii mirkaneesseera.
Manni Marichaa miseensota Boordii Koorporeeshinichaa ta'uuf kaadhimamtoota dhihaatan salgan erga qoratee booda muudama isaanii raggaaseera.
Haaluma kanaan:
1. “Mu’aazee Xibaabaat Diyaaqon” Daani'eel Kibrat – Walitti Qabaa Boordii (Ministira Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa)
2. Warquu Gaachanaa (PhD) – miseensa
3. Dr. Maqdas Dhaabaa – Miseensa
4. Indaganaa Abbabaa (phD) – Miseensa
5. Obbo Charuugeetaa Gannanaa – Miseensa
6. Geetaachoo Dinquu (PhD) – Miseeensa
7. Obbo Jaafar Badiruu --- Miseensonni boordii duraanii kan turan
8. Obbo Yasuuf Ibraahim----- Miseensonni boordii duraanii kan turan
9. Abdulwaasaa Abdullaahii ---- Miseensonni boordii duraanii kan turan miseensummaan akka ittifufan ta’eera