Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 28/2018 (ENA) - Qabsoon abbootiin keenya birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaadha jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa irratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf deebii fi ibsa kennaniin,qabsoon abbootiin keenya birmadummaa fi guddummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf taasisan dhaloota ammaaf barnoota dha jedhani.
Ministirri Muumee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii ji'oota 6 mootummaa federaalaa bara baajata 2018 irratti miseensonni mana marichaa gaafataniif deebii kennaniiru.
Ibsa isaanii keessatti, biyya akka manaatti fakkeessanii kan kaasan yoo ta’u, qaamoleen halluu manaa jijjiiruurra utubaa manaa diiguuf hojjetan akka jiran hubachiisaniiru.
Namuusni siyaasaa, sirna morma malee, kan birmadummaa biyyaarratti xiyyeeffate waliin qabsaa’uun akka barbaachisu ibsaniiru.
Bakka utubaan manaa hin jirretti qalama dhaaba manaaf (keenyaa) isaaf wal mormuun bu’aa hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee, paartileen siyaasaa akka jijjiiraman gaafachuun sirrii ta’us, dhimma birmadummaa Itiyoophiyaa dabarsanii kenneen sirrii miti jedhan.
Diinonni Itiyoophiyaa baroota darban mudate fedhii utubaa biyyaa ishee diiguu akka ta’e eeruun, qaamolee utubaa Itiyoophiyaa balleessan waliin hojjechuun balaa guddaa akka ta’e hunduu akka hubatu dhaamaniiru.
Seenaan keenya kanaaf barsiisaa gaarii dha; qabsoon abbootiin keenya guddummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf adeemsisan dhaloota har'aaf barumsa guddaa akka ta'e agarsiiftuu dha jedhan.
Fakkeenyaaf, gaafa birmadummaan biyyaa sarbame lolli koo biyya koo waliin miti; jechuun gootonni birmadummaa biyyaaf wareegaman akka jiran yaadachiisaniiru.
Bu’uuruma kanaan dhaloonni ammaa daandii gootonni kanaan duraa saaqan hordofuun filannoo ijoo biyyaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru.
Dhaloonni ammaa utubaa waloo Itiyoophiyaa irratti jabaatee kabajaa fi ulfina biyyaatti amanamuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.