Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera - ENA Afaan Oromoo
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru.
Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru.
Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru.
Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru.
Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru.
Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru.
Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru.
Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.