Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan - ENA Afaan Oromoo
Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotan
Amajjii 27/2018 (ENA)- Qortaan sirna Gadaa beekamaan piroofeesar Asmaroom Laggasaa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.
Piroofeesar Asmaroom sirni Gadaa akka eegamu, akka kabajamuu fi sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argatu nama hojjetanidha.
Keessumaa duudhaaleen demokiraatawaa ummata Oromoo barreeffamaan dhalootaaf akka darban gumaacha olaanaa taasisaniiru.
Kitaabonnii fi hojiileen qorannoo hedduun sirna Gadaa ilaalchisuun kan barreessan Piroofeesar Asmaroom, demokiraatawummaa sirnichaa agarsiisuun kabajamuu mirga namoomaa fi kabaja ummattootaaf nama qabsaa’anidha.
Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa du’a piroofeessar Asmaroom Laggasaatti gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatiisaanii fi michootasaaniif jajjabina hawwaniiru.