Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan ijaarsa manaa adda addaa hojiirra oolchuusaa cimsee itti fufa

Amajjii 27/2018(ENA)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo dhiheessii manaa bu’uurarraa furuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolchuu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanach Abeebee Barsiisoni magaalittii jiran mana akka qabaatanii fi ijaarsa qe’ee mana jireenyaa guyyaa har’aa eegalchiisaniru.


 

Kanaanis barsiisota kuma 6 fi 194 waldaalee 57n gurmaa’an fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u, fayyadamtoonni gatii waliigalaa manichaa dhibentaa 25 dursanii kan qusatanidha.

Kantiibaa Adaanach Abeebee Wayitasana akka jedhanitti yeroo ammaa Magaalaan Finfinnee jijiirama Ariifataa galmeessaa jireenyaaf mijattuu fi daawwattoota kan hawwattu ta’aa dhufteetti.

Guddina kana hordofuun fedhii mana dhufu guutuuf Bulchiinsi Magaalichaa filannoowwan adda addaan ijaarsa manaa raawwachaa jira jedhaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban maneen hedduun ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarsuun danda’ameera kan jedhan Kantiibaan kun,guyyaa har’aa barsiisota utubaa ijaarsa biyyaata’an xiyyeeffannoo addaa itti kennuun ijaarsa kana eegalleera jedhaniiru.


 

Barsiisonni waldaan gurmaa’uunii fi qusannoo barbaachisu qusachuun fayyadamoo carrichaa ta’uusaanii ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa lafa hektaara 40 liiziirra bilisa ta’e qopheessuu ibsuun, ijaarsichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf bu’uuraaleen misoomaa barbachisan akka guutaman ni taasifamu jedhaniiru.

Barsiisonni biyya ijaaruunii fi dhaloota qaruurratti qooda bakka hin bu’amne guumaachaa jiraachuusaanii raajeffachuun, ijaarsi qe’ee jireenyaa yeroo xumuramu qaala’insa jireenyaa barsiisotaa hir’isuurra darbee, qulqullina barnootaa eegsisuurratti hirmaannaa qabaatan guddisa jedhaniiru.

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015