Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera - ENA Afaan Oromoo
Saawwan Booranaa sanyii fooyya’aa waliin diqaalomsuun bu’aan omisha Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argameera
Amajjii 27/2018(ENA)-Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti saawwan Booranaa sanyii fooya’aa waliin diqaalomsuun bu’aa Aannanii fooya’aa kennuu dandeessisu argamuu ibse.
Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Tashoomaa Boggaalaa ENA’f akka ibsanitti, horiin Booranaa Foonsaanii fooyya’aa ta’us omishni aannanii irraa argamu xiqqaadha.
Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluuttti saawwan Booranaa Korma sanyii biyya Alaa waliin diqaalomsuun gorommiin omisha Aannanii fooyya’aa kennan dhalachuusaanii ibsaniiru.
Hojii qorannoo gaggeeffameen horii Booranaa diqaalomsuun hin barbaachisu sanyiinsaanii foyya’oodha yaadamni jedhu jijiiramuu danda’eera jedhaniiru.
Fakkeenyaaf saawwan Booranaa waliin diqaalomsuun jabbiileen dhalatan guddinnisaanii saffisaa fi omisha aannanii fooyya’aa kan kennan ta’uusaanii eeraniiru.
Jabbiileen sun bakkeewwan biyyattii kamittuu kan madaqan yoo ta’u waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti deebi’anii dhaluu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.
Saawwan Booranaa omisha Aannanii guyyaatti kennan liitira lama kan hin caalle ta’uu eeruun gorommiiwwan diqaalomsuun dhalatan guyyaatti Aannan hanga liitira 10n akka elmaman beeksisaniiru.
Gorommiiwwan Booranaa dhalataa jalqabaa sanyiinsaanii fooyya’e 120 baatii 6 keessatti akka gahan taassifamuu hubachiisaniiru.
Qorannoo marsaa lammataan sanyiiwwan fooya’an immoo guyyaatti Aannan liitira 15 hanga 20 akka elmaman ibsaniiru.
Kanaanis Omishaa fi omishtummaa Aannanii dabaluurra darbee fayyadamummaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa guddisuun danda’ameeera jedhaniiru