Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan filannoo dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera

Amajjii 27/2018 (ENA) - Mootummaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa taasisuuf kutannoo qabu agarsiiseera jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeesseera.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara baajataa 2018 irratti gaaffii miseensonni Mana Marichaa gaafataniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti filannoon bara kanaa filannoo darbe caalaa haqa qabeessa, nagaa, hirmaachisaa fi fooyya’aa akka ta’u ni mirkaneessina jedhani.

Mootummaan haala filannoo babal’isuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.


 

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa doktar Mabraatuu Alamuu gama qophii fi filannoo dimookiraatawaa taasisuuf gaaffilee ka’aniif mootummaan deebii quubsaa kenneera jedhani.

Mootummaan Filannoo Waliigalaa Biyyoolessaa 7ffaa dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf kutannoo qabu ibseera jedhaniiru.


 

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Masfin Irkaabee filannicha karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kan dandeessisan haalonni uumamuu himaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo duula biyya baraaruu gidduu turtetti filannoo akka geggeessite yaadachiisuun,  rakkoon nageenyaa filannoo baranaa gufachiisuu danda’u akka hin jirre dubbataniiru.

Filannoon kun haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa akka ta’u amantaa qaban ibsuun, kanaafis paartileen kaadhimamaa galmeessuu eegalaniiru jedhan.


 

Miseensi Mana Maree Gorsaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu akka jedhanitti, filannoon agarsiiftuu shaakala dimokiraasii hawaasa tokkoo ta'uu ibsaniiru. Mootummaan filannoo bifa dimokiraatawaa ta’een gaggeessuuf kutannoo akka qabu eeruun, kana irra darbee immoo hawaasni filannoon hirmaachisaa akka ta’uuf gahee isaa bahachuu qaba jedhani.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015