Tamsaasa Kallatti:

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra oolchuufi

Amajjii 27/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Amajjii 28 bara 2018 irraa eegalee lakkoofsa gabatee konkolaataa haaraa hojiirra akka oolchu beksise.

Poolisii Federaalaa Itiyophiyaatti hogganaan Qajeelcha olaanaa Loojistiksii gargaaraan komishinaraa Isheetuu Fiixaa jijjiirraa gabatee lakkoofsa konkolaataa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.


 

Ibsasaaniin jijiiraan gabatee konkolaataa qaama hojii riifoormii hunda galeessa dhaabbatichi gaggeessaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Gabateen ammaan dura hojiirra ture kan wal hinfakaanne waan ta’eef hojmaataaf rakkisaa ta’ee turuusaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi haala yeroo gituun teekinooloojii dijiitaalaa waliin walqabsiisuun jijiirraa gabatee konkolaataa taasisuusaa ibsaniiru.


 

Boruu eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa Polisii Federaalaa hojiirra oolu lakkoofsa icciitii addaa nageenya eegu kan of keessaa qabu waan ta’eef tajaajilicha si’ataa taasisa jedhaniiru.

Akkasumas dandeettii dorgommii Idil-Aaddunyaa dhaabbatichaa kan dabaluu fi tajaajilicha gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015