Tamsaasa Kallatti:

Filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuu keessatti gahee keenya bahuuf qophiidha - Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii

Amajjii 27/2018 (ENA) - Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa taasisuuf qophii bal’aa taasisaa jiraachuu beeksise.

Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen turtii ENA waliin taasisaniin, Manni Marichaa filannoo waliigalaa torbaffaa dhufu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf qophii bal’aa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan barnootaa fi hubannoo filannoo irratti kennuu, waltajjii falmii fi iftoomina paartileef haala mijeessuuf, hojii taajjabbii filannoo gaggeefamu irratti hirmaachuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.

Dhaabbileen waldaalee siivikii 200 ol ta’an Boordii Filannootti galmaa’anii eeyyama argachuu isaanii eeruu, dhaabbileen kunneen ragaa hojii eegaluuf isaan dandeessisu Boordii Filannoo irraa erga argataniin booda hojii isaanii ifatti kan jalqaban ta’uu himaniiru.

Jijjiiramni biyyoolessaa erga mul’atee as labsiin haaraan ba’ee hojmaatni mijataan akka diriire Pireezidaantichi yaadachiisuun, kunis hirmaannaan dhaabbilee hawaasa siivikii dhimma biyyaalessaa keessatti dabaluu kan agarsissu dha jechuun ibsani.

Filannoon dimokiraatawaa biyya ceesisuuf, dhaloota dhufuuf dabarsuuf, aadaa siyaasaa guddisuuf meeshaa murteessaa ta’uus eeraniiru.

Lammiileen mirga dimokiraatawaa isaaniitti fayyadamanii mootummaa na fayyada jedhanii amanan karaa nagaa akka filataniif barnoota filannoo bal’aa kennuufis qophii ta’uu ibsaniiru.

Paartileen siyaasaa morkattootaa yaada filannoo isaanii ummataaf akka beeksisan waltajjii haala mijeessuuf, akkasumas filattootni beekumsa irratti hundaa’uun paartii filatan akka filataniif akka hojjetan ibsaniiru.

Kana jechuunis, amanamummaa adeemsa filannoo mirkaneessuuf dhaabbileen waldaalee siivikii akka taajjabdootaatti hirmaachuudhaan gahee isaanii akka ba’an eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015