Baatii jahan darban godina Gujiirraa Bunni tooniin kuma 8 fi 200 ol gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Baatii jahan darban godina Gujiirraa Bunni tooniin kuma 8 fi 200 ol gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera
Amajjii 27/2018 (ENA)- Baatii jahan darban naannoo Oromiyaa godina Gujiirraa Bunni tooniin kuma 8 fi 200 ol gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri daldalaa godinichaa ibse.
Hoogganaan waajjirichaa Areeruu Waaree ENAf akka ibsanitti, bara bajataa kana godinicharraa buna toonii kuma 75 caalu gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira.
Amma ammaatti aanaalee godinichaa 12 irraa bunni qulqullinaa fi sadarkaasaa eege tooniin kuma 8 fi 233 gabaa jiddu galeessaaf dhihaachuusaa ibsaniiru.
Buna amma ammaatti dhihaate keessaa tooniin kuma 2 fi 71 kan dhiqame, tooniin kuma 6 fi 161 ol kan qishiramee fi buna goge ta’uu beeksisaniiru.
Warshaalee buna gogee fi asheeta qiqindeessan 350 godinichatti argamaniin bunni qulqulluu qophaa’ee gabaaf dhihaachaa akka jiru ibsaniiru.
Itti aanaan hogganaa waajjra qonnaa godinichaa Raggaasa Xorree gamasaaniin, godinichatti lafti hektaara 377 bunaan akka misoome beeksisaniiru.
Godinichatti Jiddu galeessaan wagga waggaatti bunni kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 caalu walitti qabamaa akka jiru himanii, barana oomishni guddaan akka eegamu eeraniiru.