Tamsaasa Kallatti:

Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf  tajaajila socho’aa kennuu eegala -  Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii26/2018(ENA)- Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuuf  tajaajila socho’aa kennuu  akka eegalu   Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad  ibsan.  
Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera.   
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaataniif  deebii fi ibsa kennaniiru. 
Masoob Tajaajilli wiirtuu tokkoo  waliin wal qabatee ibsa kennaniin, Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo dhaqqabamummaa babal’isuun  yeroo ammaa gidduugalawwan 33n ga’uun akka danda’ame  ibsaniiru. 
Gara fuuladuraattis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun lammiileen tajaajila mootummaa qulqullina fooya’een akka argataniif xiyyeeffannnoon hojjetamaa jiraachuu  dubbataniiru. 
  Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo    yeroon itti eegale gabaabaa ta’us  damichaan   bu’aan abdachiisaan galmaa’uun akka danda’ame  hubachiisaniiru. 
Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo  dhaqqabamummaa babal’isuuf  tajaajila socho’aa  kennuu eegaluuf haaldureen qophii dandeessisan taassifamaa jirachuu  beeksisaniiru.  
Baasiitiin sosocho’uun  bakkeewan adda addaatti sosocho’uun  tajaajila “online” kennuuf qophiin dandeessisu  taassifamaa  jiraachuu  ibsaniiru. 
Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo qulqullinaa fi sadarkaa tajaajila mootummaan  lammiileef  kennu  fooyyessuun  deddeebbii hanbisaa jiraachuu  eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015