Mootummaan filannoon nagaa qabeessa,hirmaachisaa fi haqa qabeessa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraarra fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan filannoon nagaa qabeessa,hirmaachisaa fi haqa qabeessa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraarra fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 26/2018(ENA) - Mootummaan filannoon nagaa,haqaqabeessa, hirmaachisaa fi akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsani.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii Mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummee Filannoo ilaalchisuun ibsa kennaniin filannoon nagaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa akkasumas ulaagaa hundaan kan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’u cimsee hojjechaa jira jedhaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan kan duraanii caalaa fooyya’aa akka ta’u bu’aasarraa ilaaluun akka danda’amu hubachiisaniiru.
Manni Marichaa sagalee adda addaa qabaachuu akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, filannoon kun haala Manni Marichaa sagalee adda ta’e itti dhaga’u ni uuma jedhanii amanu jedhani.
Paarlaamaan sagalee paartii tokkoo qofa yoo ta’e, Itiyoophiyaaf akka hin fayyadne ibsuun, kun akka jijiiramuu fi sagaleewwan hedduun akka dhagahamaniif mootummaan ciminaan akka hojjetu dubbataniiru.
Sagaleen addaa Mootummaarra darbee, Itiyoophiyaaf humna guddaa akka ta’u dubbataniiru.