Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Ammayyaa hidhateera–Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Ammayyaa hidhateera–Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Amajjii 26/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaarota Ammayyaa maqaa fi seenaa adda addaa qaban 100 ol hidhachuusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii wagga 5ffaa walgahii idilee 10ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa Federaalaa bara bajataa 2018 ji'oota 6 irratti gaaffii miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa dhiyaateef deebii fi ibsa kennaniiru.
Ijaarsa dhaabbataa Humna qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun yeroo ibsan mootummaan gama hundaan dandeettii Itiyoophiyaan qabdu haalaan guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.
Jijiirama biyyaalensaan dura humni qilleensa Itiyoophiyaa Helikooftara tokko qofa akka ture yaadachuun kanneen biroon tajaajilaa ala ta’aniiru jedhan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad itti dabaluun, yeroo ammaa Xiyyaarota Ammayyaa maqaa fi seenaa adda addaa qaban 100 ol hidhachuusaa ibsaniiru.
Maaliifidha dhaabbileen kan ijaaraman jechuun gaaffilee gaafatamaniif deebii fi ibsa yeroo kennan, Itiyoophiyaatti gufuu ta’uuf humni yoo dhufe Itiyoophiyaa cimsuu fi itti fufsiisuufidha jechuun deebisaniiru.
Diinotarra qabeenya maddisiisuu fi humna ijaarrachuun yoo hin danda’amne dhiibbaa dippiloomaasii fi Miidiyaan uumuuf kaa tattaafatan ibsaniiru.
Furmaannisaa gahumsa ofii guddisuun cimanii argamuudha kan jedhan ministirri Muummee doktar Abiyyi, humnoonni Itiyoophiyaa miidhuu barbaada faayinaansiin yoo deegaramanis qaamni Itiyoophiyaa dhaabu tokko akka hin jiraanne mirkaneessaniiru.