Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti fedhii fi hubannoon dantaa biyyoolessaa kabachiisuu irratti jiru fooyya'aa dhufeera-Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Amajjii  26/2018 (ENA)-Garaagarummaan yaadaa jiru kan hin daangessine fedhii fi hubannoon dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf lammiileen qaban fooyya’aa dhufeera jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Yaa’iin idilee 10ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa ji’oota jahaa bara bajataa 2018 ilaalchisee gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Dantaa biyyoolessaa  ilaalchisee ibsa kennaniin, fedhiin dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu dabalaa dhufeera jedhani.

Qaamonni bosona keessatti mootummaa irratti qabsaa’an tokko tokko qabsoon isaanii karaa gadhiisaa jiraachuu fi gidduu seentummaan diinota biyya diiganii (baandonni) akka jiru yeroo hubatan yaada isaanii jijjiiruun kan gara mootummaatti deebi’an akka jiran eeraniiru.

Kana qofa osoo hin taane, yeroo dhimmi dantaa biyyoolessaa tuqu ka’u, bakka jiranitti odeeffannoo gahaa mootummaaf kennuun waliin kan hojjetan akka jiranis Ministirri Muummee ibsaniiru.

Qaamoleen ilaalchaa adda addaa kan wal hin fakkaanne qabaataniyyuu dhimma dantaa biyyoolessaa fi kaayyoo Itiyoophiyaa dabarsanii hin kennine uumamaa jiraachuu eeraniiru.

Gama hundaan qaamotni dhimma dandaa biyyoolessaa  Itiyoophiyaa irratti diinaaf dabarsanii mariif hin dhiyeessine akka jiran eeruun, kunis dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa ilaalchisee hubannoon jiru fooyya’aa akka jiruu fi jijjiiramni qabatamaan mul’ataa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015